AANAA HAAWWAA GALAAN

BAGA GARA BULCHIINSA AANAA HAAWWAA GALAAN NAGAAN DHUFTAN!

SEENAA HUNDEEFFAMA AANAA HAAWWAA GALAAN

Aanaan Hawwaa Galaan aanolee Godina Qellem Wallaggaa keessaa ishee tokko. Aanaan kun magaalaa Finfinnee irraa fageenya 624km, Magaalaa Godina Qellem Wallaggaa Dambi Doolloo irraa immoo kiilomeetira 27 irratti argamti. Aanaan kun Bahaan Aanaa Sadii Canqaa ,Lixaan Aanaa Sayyoo ,Kaabaan Aanaa Y/Walal ,Kibbaan Godina Iluu Abbaa Booraatiin daangeffamti. Bal’inni lafa ishee Hektaara 47,003.1. Baayinni uumata aanichaa akka lakkoofsa uummataa bara 2007 taassifametti Dhi 58,573 Dha 60964 ida 119,573. Haalli qilleensa baramaa ishees badda dareen 36.7% , gammoojjiin 63.3% dha.

Qorannoo seenaa geggeeffamee fi yaada maanguddoota irraa fudhatameen aanaan kun barri isheen itti hundoofte bara kana jedhamee beekamuu baatus,bara gara dhuma bulchiinsa Minilikii fi dhufiinsa Hayile Sillaasee gidduutti namni maqaan isaa Abbaa Dhaasaa jedhamu gosa warra Maccaa fi Tuulamaa ta’e gandoota naannoo sana turan humnaan walitti fiduun iddoo tokkotti moggaasa maqaa Haawaa Galaan jedhuun akka bulan taassisuun yeroo dhuma sana irraa eegalee aanaan kun akka hundaa’e ibsa.

100K+

Jiraattota

50+

Hawwatamummaa

200+

Bara Seenaa

Karta Map

Waamicha Investeroota fi Abbootii Qabeenyaaf...

City Head Leader

Aanaan keenya qabeenya uumamaan badhaatuu kan taatee fi bu'uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaa, manneen barnootaa hanga koolleejjiitti akkasumas tajaajila bishaan dhugaatii gahaa kan qabduudha. Kana malees daandiin konkolaataa aspaaltiin magaalaa guddoo biyya keenyaa Finfinnee irraa gara magaalaa Godina keenyaa Dambi Doolloo geessu Aanaa keeenya keessa kan qaxxaamuru fi buufata xiyyaaraa Dambi Dollo irraa kiilomeetira 20 kan hin caalle fagaannee argamna.

Aanaan keenya albuudota hedduu sadarkaa biyyaatti bu’aa buusuu danda’an kanneen akka Warqee fi Dhagaa gurraachaan badhaatuudha. Maal kana qofaree Aanaan keenya haala qilleensaa mijataa, qabeenya uumamamaa kanneen akka lageen gurguddoo fi bosona uumamaan badhaatuudha. Haaluma kanaan Abbootiin qabeenyaa Aanaa keenya keessatti hojjettanii duroomuu barbaaddan yoo gara keenya dhuftan haala gaariin isin simanna.

Obbo Asaffaa Yoonaas Dibaabaa
Bulchaa Aanaa Haawwaa Galaan
Prosperity Party Head

Aanaan Haawwaa Galaan gandoota baadiyyaa 30 fi Bulchiinsa magaalaa 2 kan of keessaa qabdu yommuu ta’u Aanaan keenya Sabaa fi Sab-lammoota biyyattii hedduudhaaf iddoo jireenyaa mijattuu taatee kan jirtuu fi Sabaa fi Sab-lammoonni Aanaa keenya keessatti argaman aadaa waliin jireenyaa cimaa dagaagfatanii nageenyaa fi tokkummaa isaanii dammaqinaan tikfachaa jiru.

Aanaan keenya aanaa Omisha kamiifiyyuu mijattuu taatee fi haalli qillensashee marti jiruuf jireenya nama hundaaf mijattuu waan taateef abbootiin qabeenyaa investimentiirratti hojjettan kottaa waliin Haawwaa Galaan guddisnaa jechuun waamicha taasifna

Obbo Tasfaa Shunnaa Bulchaa
I/G/Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Haawwaa Galaan
City Leader

Omishaa fi omishtummaa daran guddisuun hirkattummaa biyyoota bakkee jalaa bahuun al-ergee keenya guddisuu qabna jechuun toora xiyyeeffannoo Mootummaan keenya qabatee jiru faana dhahuun akka Aanaa Haawwaa Galaanitti hojiiwwan gurguddaan damee qonnaatiin hojjetamaa jira.

Maarree Aanaan keenya Aanaa haalli qilleensashee qonnaaf akkasumas jireenyaaf mijattuu taatedha. Abbootiin qabeenyaa gama qonnaatiin Aanaa keenya keessatti hojjettanii duroomuu barbaaddan hundumtiyyuu akka waajjira qonnaatti balballi keenya banaadha isiniin jenna.

Obbo Abbabe Tizaazuu Kuusaa
I/A/Bulchaa fi I/G/W/Qonnaa fi Lafaa Aanaa Haawwaa Galaan

Hooggantoota Sekteraalee

Obbo Asaye Sembeto

Obbo Asaffaa Yoonaas Dibaabaa

Bulchaa Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Tesfa Shunnaa

Obbo Tasfaa Shunnaa Bulchaa

I/G/Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Abbabe Tizaazuu

Obbo Abbabe Tizaazuu Kuusaa

I/A/Bulchaa fi I/G/W/Qonnaa fi Lafaa Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Zerihun

Obbo Zarihun Biqilaa Masaadii

I/G/ Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Tolosa

Dr. Tolasaa Raagaa

Hoji Geggeessaa Hospitaala Jalqabaa Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Getacho

Obbo Magarsaa Jabeessaa

Peresedaanti Mana Murtii Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Getahun

Obbo Geetahuun Immaanaa Dheeressaa

I/G/Waajjira Galiiwwani Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Gammachu

Obbo Gammachuu Yiggazuu Taaddasaa

I/G/W/ Eegumsa Fayyaa Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Duulaa

Obbo Duulaa Raggaasaa Hiikaa

Hoji Geggeessaa Mana Qopheessaa Magaalaa Gabaa Roobii

Obbo Guuttataa

Obbo Guuttataa Efireem Maammoo

Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Aanaa Haawwaa Galaan

Adde Sena

Aadde Seenaa Tarrafee Yaadataa

Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimmoota Gurmaa’insa Uummataa A/H/Galaan.

Obbo Bulaa

Obbo Bulaa Mitikkuu

Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Ittiiqaa

Obbo Ittiiqaa Cammir

Itti Gaafatamaa Waajjira Bishaan, Albuudaa fi Inarjii

Obbo Shaaroo

Obbo Taarikuu Ittafaa Galataa

Itti Gaafatamaa Waajjira Buusaa Gonofaa

Obbo Gammee

Obbo Gammachuu Dastaa

Itti Gaafatamaa Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii Aanaa Hawwaa Galaan

Obbo Ingidaa

Inispeekter Ingidaa Daani’eel

Itti Gaafatamaa Waajjira Poolisii Aanaa Hawwaa Galaan

Obbo Shaafii

Obbo Shaafii Herregaa.

Itti Gaafatamaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwaa Galaan

Obbo Tolinaa

Obbo Toliinaa Irraandhufaa

Itti Gaafatamaa Waajjira Nagaa fi Milishaa A/H/Galaan.

Obbo Takkaa

Obbo Takkaa Qannaa Kabbadaa

Hoji geggeessaa Mana Qopheessaa Magaalaa machaaraa

Aadde Baaccuu

Aadde Baaccuu Tarfaasaa

Waajjira P/B/D/A/H/Galaanitti I/A/I/Gaafatamaa Komishinii Inispekshinii fi Naamusaa

Obbo Gechoo

Obbo Geetaachoo Tolasaa Gammadaa

W/P/B/D/A/H/Galaanitti Itti Gaafatamaa Damee Sub-Quunnamtii Uummataa

Obbo Israa'el

Obbo Israa’el Mul’ataa Jimaa

W/P/B/D/A/H/Galaanitti Itti Gaafatamaa Gurmuu Dargaggoo

Obbo Magarsaa

Obbo Geetaachoo Bashaa Raasoo

Kabajamoo Af-Yaa'ii Mana Maree Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Tigiluu

Obbo Tigiluu Qannaa Abdiisaa

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee A/H/Galaanitti I/Gaafatamaa Dhaabbilee Barnootaa (Hayyuu)

Obbo Waggaaree

Obbo Waaqgaarii Akkattii Gamoosaa

W/P/B/D/A/H/Galaanitti I/G/Damee Siyaasaa fi Ijaarsa

Aadde Buzee

Aadde Buzunesh Abiree Tolaa

W/P/B/D/A/H/Galaanitti Itti Gaafatamtuu Damee Ijaarsaa

Aadde Jaallee

Aadde Jaallee Tarfaa Gobbuu

W/P/B/D/A/H/Galaanitti Itti Gaafatamtuu Gurmuu Dubartootaa

Obbo Gammachis

Obbo Gammachiis Fiqaaduu Ofga’aa

Itti Gaafatamaa Waajjira Komishinii Inispekshinii fi Naamusaa Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Haawwaa Galaan

Obbo Yohannis

Obbo Yohaannis Qannoo

Itti Gaafatamaa Waajjira Daldalaa Investimentii fi Carraa Hojii Uumuu

Kenna Tajaajila Lammummaa

Charity Work Main

Tajaajila Gargaarsaa

Furmaata rakkoo waloof tajaajilli lammummaa xiyyeeffannoodhaan akka hojjetamuuf mootummaan saganteessee hojjetamaa jira. Kenna tajaajilaa gosoota garaa garaa hojjetamaa jiraniin bu’aalee hudduun kan argaman yommuu ta’u harka qalleeyyii heedduun fayyadamoo ta’anii rakkoo isaanii dandamataniiru.
Godina Qellem wallaggaa Aanaa Haawwaa Galaanittis hojiiwwan tajaajila lammummaatiin hojjetaman namoota heedduu fayyadamoo taasiseera.

Hospitaala Jalqabaa Aanaa Haawwaa Galaan

Hospital Main

Hospitaalli Jalqabaa Aanaa Haawwaa Galaan bara 2010 hojii tajaajila yaalaa guutuu ta'e kennuu kan jalqabe yammuu ta'u, Hawwaasa aanichaa bira darbee jiraattota gandoolee aanaa Ollaa jiran tajaajiluurratti kan argamu kaappitaala jalqabaa qarshii 100,000 qofaan kan jalqabe fi galii keessoo isaa guddisuuf hojjeteen waggoottan muraasa kanatti yeroo ammaa qarshii miliyoona 5 olirra kan jirudha. tajaajila yaalaatiinis sadarkaa gaariirra kan jiruu fi meeshaalee yaalaa ammayyaa'oo ta'aniin saatii 24 guutuu tajaajilaa kan jirudha. hawwaasnis yaala argachuuf manneen yaalaa barbaacha baasii hin mallee fi joormaaaf osoo hin saaxilamin tajaajila yaalaa argachaa jiraachuu hawwaasni ni dubbatu. tajaajila yaalaa kana cinaattis hospitaalichi inisheetiivota adda addaa kanneen akka horsiisa kanniisaa fi omisha dammaa, furdisa loonii, oomisha aannanii fi nyaata beelladaa irratti bobba'ee kan jiru ta'uu fi Kenna tajaajila lammummaarrattis deggersa barbaachisu taasisaa kan jiruudha.

Laboratory

Laboratory

Gene Expert Room

GeneXpert Room

Chemistry Room

Chemistry Room

Ultrasound

Ultrasound

Operation Room

Operation Room

Cleaning Room

X-Ray

Green Area

Green Area

Tajaajila Hospitaalli keenya kennu:

  • Tajaajila deddeebisanii yaaluu.
  • Tajaajila ciibsanii yaaluu.
  • Tajaajila karoora maatii.
  • Tajaajila da'umsa duraa, da'umsaa fi da'umsa boodaa.
  • Tajaajila baqaqsanii yaaluu gurguddaa fi xixiqqaa.
  • Tajaajila faarmaasii.
  • Tajaajila laaboraatori gosa hundaa.
  • Tajaajila raajii fi altiraasaawundii.
  • Tajaajila talaallii daa'immanii

Gaba Robi Football Club - Oromia First League Champions

Gaba Robi City Football Club Champions

🏆 Oromia First League Champions 2017

Aanaa Haawwaa Galaanitti gareen kubbaa miillaa Bulchiinsa magaalaa Gabaa Roobii Oromia First League Championship kan bara 2017 irratti hirmaachuun murannoo fi cimina taphattoonni garechaa agarsiisanii fi qindoomina qooda fudhattoota geggeessummaadhaan keessatti hirmaataniin champiyooni ta’uu danda’eera. Akka Aanaa keenyaatti injifannoon karaa taphattoota garee kubbaa miillaa Bulchiinsa Magaalaa Gabaa Roobiitiin argame kun injifannoo boonsaa fi Aanicha sadarkaa biyyaatti beeksisuu danda’edha. Kanumarraa ka’uun sosochiin ispoortii gama hundumaan Aanicha keessatti geggeeffaman xiyyeeffannoo guddaa karaa Bulchiinsa Aanichaatiin argataniiru

Get in Touch

Address

Kellem Wollega
Hawa_galan, Geba_Robi

Phone

09930083

Email

hawagalan@gmail.com

Office Hours

Monday
Wednesday
Friday