AANAA HAAWWAA GALAAN
BAGA GARA BULCHIINSA AANAA HAAWWAA GALAAN NAGAAN DHUFTAN!
SEENAA HUNDEEFFAMA AANAA HAAWWAA GALAAN
Aanaan Hawwaa Galaan aanolee Godina Qellem Wallaggaa keessaa ishee tokko. Aanaan kun magaalaa Finfinnee irraa fageenya 624km, Magaalaa Godina Qellem Wallaggaa Dambi Doolloo irraa immoo kiilomeetira 27 irratti argamti. Aanaan kun Bahaan Aanaa Sadii Canqaa, Lixaan Aanaa Sayyoo, Kaabaan Aanaa Y/Walal, Kibbaan Godina Iluu Abbaa Booraatiin daangeffamti. Bal'inni lafa ishee Hektaara 47,003.1. Baayinni uumata aanichaa akka lakkoofsa uummataa bara 2007 taassifametti Dhi 58,573 Dha 60964 ida 119,573. Haalli qilleensa baramaa ishees badda dareen 36.7%, gammoojjiin 63.3% dha.
Qorannoo seenaa geggeeffamee fi yaada maanguddoota irraa fudhatameen aanaan kun barri isheen itti hundoofte bara kana jedhamee beekamuu baatus, bara gara dhuma bulchiinsa Minilikii fi dhufiinsa Hayile Sillaasee gidduutti namni maqaan isaa Abbaa Dhaasaa jedhamu gosa warra Maccaa fi Tuulamaa ta'e gandoota naannoo sana turan humnaan walitti fiduun iddoo tokkotti moggaasa maqaa Haawaa Galaan jedhuun akka bulan taassisuun yeroo dhuma sana irraa eegalee aanaan kun akka hundaa'e ibsa.

100K+
Jiraattota
50+
Hawwatamummaa
200+
Bara Seenaa
Waamicha Investeroota fi Abbootii Qabeenyaaf...
Aanaan keenya qabeenya uumamaan badhaatuu kan taatee fi bu'uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaa, manneen barnootaa hanga koolleejjiitti akkasumas tajaajila bishaan dhugaatii gahaa kan qabduudha. Kana malees daandiin konkolaataa aspaaltiin magaalaa guddoo biyya keenyaa Finfinnee irraa gara magaalaa Godina keenyaa Dambi Doolloo geessu Aanaa keeenya keessa kan qaxxaamuru fi buufata xiyyaaraa Dambi Dollo irraa kiilomeetira 20 kan hin caalle fagaannee argamna. Aanaan keenya albuudota hedduu sadarkaa biyyaatti bu’aa buusuu danda’an kanneen akka Warqee fi Dhagaa gurraachaan badhaatuudha. Maal kana qofaree Aanaan keenya haala qilleensaa mijataa, qabeenya uumamamaa kanneen akka lageen gurguddoo fi bosona uumamaan badhaatuudha. Haaluma kanaan Abbootiin qabeenyaa Aanaa keenya keessatti hojjettanii duroomuu barbaaddan yoo gara keenya dhuftan haala gaariin isin simanna.
Obbo Asaffaa Yoonaas Dibaabaa – Bulchaa Aanaa Haawwaa Galaan
Aanaan Haawwaa Galaan gandoota baadiyyaa 30 fi Bulchiinsa magaalaa 2 kan of keessaa qabdu yommuu ta’u Aanaan keenya Sabaa fi Sab-lammoota biyyattii hedduudhaaf iddoo jireenyaa mijattuu taatee kan jirtuu fi Sabaa fi Sab-lammoonni Aanaa keenya keessatti argaman aadaa waliin jireenyaa cimaa dagaagfatanii nageenyaa fi tokkummaa isaanii dammaqinaan tikfachaa jiru.
Aanaan keenya aanaa Omisha kamiifiyyuu mijattuu taatee fi haalli qillensashee marti jiruuf jireenya nama hundaaf mijattuu waan taateef abbootiin qabeenyaa investimentiirratti hojjettan kottaa waliin Haawwaa Galaan guddisnaa jechuun waamicha taasifna
Obbo Waaqgaarii Akkattii Gamoosaa I/Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Haawwaa Galaan
Aanaan keenya aanaa Omisha kamiifiyyuu mijattuu taatee fi haalli qillensashee marti jiruuf jireenya nama hundaaf mijattuu waan taateef abbootiin qabeenyaa investimentiirratti hojjettan kottaa waliin Haawwaa Galaan guddisnaa jechuun waamicha taasifna
Omishaa fi omishtummaa daran guddisuun hirkattummaa biyyoota bakkee jalaa bahuun al-ergee keenya guddisuu qabna jechuun toora xiyyeeffannoo Mootummaan keenya qabatee jiru faana dhahuun akka Aanaa Haawwaa Galaanitti hojiiwwan gurguddaan damee qonnaatiin hojjetamaa jira.
Maarree Aanaan keenya Aanaa haalli qilleensashee qonnaaf akkasumas jireenyaaf mijattuu taatedha. Abbootiin qabeenyaa gama qonnaatiin Aanaa keenya keessatti hojjettanii duroomuu barbaaddan hundumtiyyuu akka waajjira qonnaatti balballi keenya banaadha isiniin jenna.
Obbo Abbabe Tizaazuu Kuusaa – I/A/Bulchaa fi I/G/W/Qonnaa fi Lafaa
Maarree Aanaan keenya Aanaa haalli qilleensashee qonnaaf akkasumas jireenyaaf mijattuu taatedha. Abbootiin qabeenyaa gama qonnaatiin Aanaa keenya keessatti hojjettanii duroomuu barbaaddan hundumtiyyuu akka waajjira qonnaatti balballi keenya banaadha isiniin jenna.
Hooggantoota Sekteraalee
Kenna Tajaajila Lammummaa
Hospitaala Jalqabaa Aanaa Haawwaa Galaan
Hospitaalli Jalqabaa Aanaa Haawwaa Galaan bara 2010 hojii tajaajila yaalaa guutuu ta'e kennuu kan jalqabe yammuu ta'u, Hawwaasa aanichaa bira darbee jiraattota gandoolee aanaa Ollaa jiran tajaajiluurratti kan argamu kaappitaala jalqabaa qarshii 100,000 qofaan kan jalqabe fi galii keessoo isaa guddisuuf hojjeteen waggoottan muraasa kanatti yeroo ammaa qarshii miliyoona 5 olirra kan jirudha. meeshaalee yaalaa ammayyaa'oo ta'aniin saatii 24 guutuu tajaajilaa kan jirudha.
Tajaajila Hospitaalli keenya kennu:
- Tajaajila deddeebisanii yaaluu
- Tajaajila ciibsanii yaaluu
- Tajaajila karoora maatii
- Tajaajila da'umsa duraa fi boodaa
- Tajaajila baqaqsanii yaaluu
- Tajaajila faarmaasii
- Tajaajila laaboraatori
- Tajaajila altiraasaawundii
- Tajaajila talaallii daa'immanii